Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Godina Harargee Lixaa keessatti duulli hidhaa fi saamicha qabeenyaa ummata irratti geggeeffamu hammaachuu maddeen keenya gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurrandhala 4, 2010) Waraannii fi dabballootni wayyaanee Godina Harargee Lixaa keessatti argaman Onoota godinichaa keessatti maqaa ABO deggertu jedhuun ummata jimlaan hidhaatti naqaa jiran.

Magaalota Mi’eessoo fi Asaboot keessaa sabboontotni Oromoo 8 badii malee qabamuun oggaa hidhaman, magaalota Baddeessaa fi Ciroo keessatti ammoo manneen ummataa seeraan ala sakatta’amaa jira. Sakattaa geggeeffamaa jiru kanaan qabeenyi ummataa, maallaqni, mobilii fi mi’ooti gara garaa loltoota wayyaaneen saamameera. Magaalaa Ciroo irraa barattootni Saanii Mahaammadii fi Jamaal Aliyyii jedhamanis hidhamaniiru.

Mootummaa wayyaaneen kan ajjeefame haati manaa wallisaa Oromoo Usumaayyoo Muusaa aadde Fatiyyaa Abdurrahamaanis wayyaaneen hiraarfamaa akka jirtu maddeen keenya gabaasaniiru. Mana ishee seeraan ala sakatta’uun mi’oota adda addaa akka saamanis barameera. Warra beela’anii magaalatti baqataniif da’oo laatte, odeessa keenya ABOf akka dabarsan taasifte ittiin jechuunis rakkisaa jiran.

Gama biraan sirni wayyaanee magaalaa D.Dhawaa keessatti ilmaan Oromoo Oromummaan yakkee hidhe miseensota ABO fakkeessuun diraamaa maqaa dhaabichaa xureessu qopheessaa akka jirus maddeen keenya ifa godhaniiru. Diraamaa kijibaa wayyaaneen itti jiru kanaan ummatni akka hin dogoggorres dhaamsi darbee jira.

*********

Mootummaan wayyaanee fi ergamtuun isaa OPDOn duula karaa ifaa fi dhokataan Afaan Oromoo bal’eessuuf jalqaban itti fufuun, Oromiyaa keessatti waajjirootni mootummaa fi adeemsi hojii Afaan Amaaraan akka dhuunfatamuuf dhiibbaa godhaa jiraachuun ifa ta’e.

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurrandhala 4,2010) Kitaaba Mallasfaa qopheessan kan Oromoo qulqulluun hin jiru jedhuun aadaa, seenaa fi afaan Oromoo bal’eessuuf ergamtuun wayyaanee OPDOn yeroo ammaa ummata ittiin sammuu adoochuuf ijibbaataa akka jirtus dhaga’ameera.

Waajjiroota OPDO fi kan mootummaa naannoo Oromiyaa jedhamu keessatti ummatni baadiyaa illee osoo hin hafin Afaan Amaaraan keessummeeffamaa jiraachuu kan ibsan maddeen keenya, bakkoota hojii hedduus alagoota Afaan Oromoo hin beeknetu kaawwamaa jira jedhan.

Wayyaanee fi ergamtuun isaa OPDOn aadaa, seenaa, afaanii fi Oromiyaa waan jedhamu bal’eessuuf karooraan hojjechaa waan jiraniif, ummatni keenya kana hubatee mormii qabu bifa qindaaween dhageessisuu akka qabu sabboontotni dhaamsa jajjabduu dabarsaa jiran.

 

MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net